W/A Biiftuu Adunyaa

Waldaan Aksiyoonaa Biiftuu Addunyaa bara 1986 ALI maqaa Biiftuu Diinshoon hundeeffamee hojiiwwan adda addaa kan hojjechaa ture yoo ta’u, bara 2000 ALI maqeeffama haaraa Waldaa Aksiyoona Bizinasii Biiftuu Addunyaa tiin Indoownmantii Tumsaa Misooma Oromiyaatiif, Waldaa Aksiyoonaa Biiftuu Oromiyaa, Dhaabbata ofgargaarsaa Oromiyaa, Dinshoo waldaa dhuunfaa Ittigaafatamummaan isaa murtaa’e ( yeroo ammaa kan “liqudate” ta’e) fi abbootii qabeeyaa lamaan qarshii 16,375,000.00 tiin irra deebi’ee hundaa’e.

Waldaan Aksiyoonaa Biiftuu Addunyaa qonnaan bulaan Harargee bahaa fi Harargee lixaa faayidaa omishaa jimaa irraa argamu irraa kallattiin fayyadamaa taasisuuf yaadamee dhaabbata hundeeffame yoo ta’u, adeemsa keessa qonnaan bulaa naannichaa fedhii callaa guddistuuwwanii jechuun qorichoota farra Ilbiisaa fi farra Aramaa, xaa’oo fi sanyii filatamaa guutuuf hojjechaa tureera.

Dhaabbatichi daldala Alergee jimaatiin hojii daldalaa eegalame babal’isuudhaan waggoota dhiyootii as sochiiwwan daldalaa fi taajaajilaa caalmaan bal’isuudhaan Qorichaa Fi Meeshaawwan Wal’aansaa Addaddaa, Zayita Nyaataa Paalmii, Dhiyeessii, Suphaa Fi Haaromsa Meeshaalee Galmeessa Gurgurtaa, Waraqaa Maramaa Tajaajila Meeshaalee Galmeessa Herregaa, Sibiila Armaataa, Ibsaawwan Soolaarii addaddaa, Liiftii, Gommaa Konkolaattotaa akkasumas Midhaan Dibataa, Midhaan Dheedhii, Bunaa fi Jimaa gara biyya Alaatti erguu irratti argama.

Yeroo ammaa dhaabbatichi sadarkaa guddinaa irra gaheen bal’anaan ummata keessa seenuun magaalota naannichaa murteessoo ta’an keessatti giddugala gurgurtaa banuun yeroodhaa gara yerootti kenniinsa tajaajilaa, qaqqabiinsaa fi bu’a argamsiisuun guddina agarsiisaa jira. Keessummattuu yeroo gabaabaadhaa as dhiyeessii fi gurgurtaa zayita nyaataa, qorichaa fi meeshaalee tajaajila wal’aansaatiin sadarkaa ol’aanaatiin ummata tajaajilaa jira.

Omishaalee Keenya keessaa muraasni

Biftu Adugna Business S.C aspires to become the pride of Ethiopian company in import and export trading and further to provide great services that could satisfy our client.

Oomishaalee Sibiilaa fi Rebarii

Hojiin ijaarsaa fi bu’uuraalee misoomaa biyyattii keessatti hojjetamaa jiru dhiyeessii oomisha sibiilaa olaanaa barbaada. Oomishaalee sibiilaa galtee fi raabsuu irratti dammaqinaan hirmaachaa jirra.

Meeshaalee Yaalaa fi Qorichaa

medical.jpg

We provide diversified services, including consulting, specification preparation, import and whole sale of medical equipment’s

Solar Technology

icon_sun.jpeg

Omishaalee hanniisa Aduu addaaddaa kan akka ibsaa soltraatonii, sirna mana hanniisa Aduu, Maddisiisotaa humna hanniisa Aduu, friijii soolaarii, televizyinii soolaarii fi kan baroos ni dhiyeessina, omishaalees ni gurgurra, itti fayyadamuu maamiltoota keenyaa irratti amantaa ni qabna, akkasumas tajaajila gurgurtaa ni dhiyeessina.

Keemikaalota farra ilbisota Qonnaa

agro-chemical.jpg

muxanno dheeraa keemikaalota farra ibiisaa Alaa galchuu fi biyya keessatti raabsuu hin qabna. waldaalee qonnaan bulaa bu'uuraa fi daldaltoota qonnaan bulaaf keemikaalota farra ilbiisotaa raabsan/dhiyeessan waliin ni hojjenna.

_______________________________________________________________________________________________________

Nu Waliin Hojjechuuf Quunnamtiin keenya kunooti

Teessoo: Meksikoo Univarsitii Finfinne Damee Comersii fuuldura| Gamoo Buftu Darbii 7ffaa iraa Phone: (251) 11 553 37 46 | Fax:(251) 11 553 42 18 | Email Address: biftuimpex@biftuadugna.com Oddeefannoo Guutuudhaaf Website: biftuadu.com biftuimpex@biftuadugna.com

|Odeeffannoo Guutuu Argachuuf  Website: biftuadu.com