Eenyu Nuti

Tumsaa Development Group jaarmiyaa misooma ummataa kan mootummaa Naannoo Oromiyaati. Garee invastimantii mootummaa yoo ta’u, dhaabbilee shan Jechuunis; W/A Biftu Adugna Business, W/A Geejjibaa fi Loojistikii Gaada, W/A Jarra Holding, W/A Odaa Integrated Transport fi kanneen biroo qaba. Dhaabbileen kunneen guutuu biyyattii fi alaatti damee daldalaa fi tajaajilaa kallattii hedduu qabu irratti bobba’anii hojataa jiru. Dhaabbileen daldalaa kun guutuu biyyattiitti industirii al-ergii fi al- galchuu, raabsuu, geejjibaa, qulqulleessuu fi dabarsuu, bulchiinsa ijaarsaa, daawwannaa fi hoteelaa irratti hojjechaa jiru. Kana waliin walsimsiisuun TDG qabeenya walitti qabuun, hojiiwwan mata duree dhaabbilee kana hunda hoogganuu fi qindeessuun raawwii dameelee mirkaneessuun gahee guddaa qaba.

Waan Hojjennu

Tokkoon tokkoon Dhaabbilee Garee Misooma Tumsaa kan seeraan hundeeffamanii fi ofiin of bulchanii koodii daldalaa Itoophiyaa irratti kna bulanii dha. TDG kallattiin Abbaa Taayitaa Misooma Mootummaa Oromiyaa to’annoo mootummaa naannoo jala jiruuf itti gaafatamummaa kan qabu yoo ta’u, dhaabbileen TDG jalatti gurmaa’aniiru. Dhaabbanni kun bara 1994 akka endowment naannoo ta’ee misooma hawaas-dinagdee irratti bobba’uuf hojii kan jalqabe yoo ta’u, yeroo ammaa kanas caasaan bulchiinsa sarara ifa ta’e dhaabbatichaa fi dhimmichi ogummaa addaa wajjin akka walsimu mirkaneessuuf tarsiimoo mootummaa naannichaatiin garee invastimantii ta’ee irra deebi’eedhaan gurmaa’ee jira. 

Investimentii Keenya

  1. Invastimantii Waliinii dhaabbilee biyya keessaa fi alaa fi michoota daldalaa biroo waliin hojachuu
  2. Invastimantii Naannoodhaaf mijaawaa fi hawaasa naannoo fayyadu Uumuu.
  3. Teeknooloojii Ceesissuu
  4. Carraa hojii uumuu fi Oomishtoota biyya keessaatiif gabaa uumuu

Kun Kan Mirkanneessu

  • Miira abbummaa uumuu fi invastimantii itti fufsiisuu
  • Jireenya hawaasa naannoo guddisuu
  • Qabeenya walqixxummaa qooduu fi Qabeenya irratti waldhabdee uumuu irraa fagaachuu